Wal Harkaa fuudhiinsi Moosaajii Qabiinsa Ragaa Dargaggoo Fi Ispoortii irratti Misoomee ATSTO Fi Biiroo Dargaggootaa Fi Ispoortii Oromiyaa gidduutti adeemsifame

  • 16 Dec 2024
  • Posted by backwebadmin
  • 0 Comments

Wal Harkaa fuudhiinsi Moosaajii Qabiinsa Ragaa Dargaggoo Fi Ispoortii irratti Misoomee ATSTO Fi Biiroo Dargaggootaa Fi Ispoortii Oromiyaa gidduutti adeemsifame

Sagantaan Wal Harkaa fuudhiinsa Moosaajii ragaa Dargaggoo Fi Ispoortii fi Abbaa Taayitaa Saayinsii Fi Tekinoloojii Oromiyaatti Ogeessota Daayirektoreetii Bu'uuraalee TQOtiin misoomee bakka Hoggantoonnii Fi Manajimantiin ATSTO Fi Biiroo Dargaggootaa Fi Ispoortii Oromiyaa akkasumas, Ogeessonni moosajicha misoomsan argamanitti Magaalaa Finfinnee Hoteela DELEOPOLtti gaggeeffameera.

Sagantaan kana irratti haasaa saaqiinsaa kan taasisan Obbo Kadiir Indaalkaachoo Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Dargaggootaa Fi Ispoortii Fi Damee Dargaggoota Oromiyaa Moosaajii misoomee fayyadamummaa Fi hirmaannaa Dargaggootaa darn dabaluuf gumaacha ol'aanaa kan qabu ta'uu ibsanii ATSTO gaaffii gama keenyaan misooma Moosaajii dhiyaatee si'aayinaa Fi saffisaan fudhate guyyaa Wal Harkaa fuudhiinsa kanaan nugahuu isaatiif Galata guddaan qaba jechuun erga ibsanii booda; ATSTO waliin bakka Oolmaa Dargaggootaa beekumsaan masakame argachiisuuf Kaaffee Saayinsii Magaalota Oromiyaa gurgguddoo keessatti misoomsuun tajaajilaa oolchaa jirus dinqisiifannaa qaban ibsaniiru

Gama ATSTO Hogganaa Itti Aanaa Daayirekteera Ol'aanaa Fi Damee TQO Inj.Jimaa Tulluu fi Hogganaa Daayirekteera Ol'aanaa Damee Cehumsa Tekinoloojii Dr Lijaalem Ayyalee gama Daayirektoreetiiwwan ijoo Abbaa taayitichaatiin hojiiwwan raawwatamaa turning fi raawwatamaa jiran ilaalchisee carriage kanaan erga duraa duubaan isanii booda hojiiwwan kun hunduu fayyadamaa fi hirmaannaa Dargaggootaa kan hammate taasisuuf kan hojjetamu ta'uu kaasaniiru.Haaluma wal fakkaatuun hidhata Tekinoloojii fi Dargaggootaa ilaalchisee ragaa sirrii fi odeeffannoo qabatamaa argachuuf moosaajiin kun gahee ol'aanaa akka qabu Daayirekteera Daayirektoreetii bu'uuraalee TQO kan ta'an Aadde Girumnash Margaa  ibsaniiru.