Damee Tajaajila Saayinsii fi Teekinoloojii
Bu’uuraaleen Misooma TQO, Aangoo fi gahee hojii ATSTA’tiif labsiin kenname keessaa ,kanneen armaan gadii irratti xiyyeeffata
”Hojiiwwan bu’uuraalee teknolojii qunnamtii odeeffannootiin walqabatanii fi manneen hojii mootummaa keessatti hojjataman olaantummaan ni qorata; ni hayyama; ni qindeessa; ni hojjata; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;”
.“Manneen hojii mootummaa neetworkiidhaan akka walqunnamaniifi siistamni kompiitaraa akka qophaa’uuf hojiiwwan barbaachisan ni hojjata”
Tajaajila telekoominikeeshinii naannicha keessatti kennamuun ummatni tajaajila gahumsa qabu akka argatu ni hordofa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
“Siistamootni bu’uuraa fi tajaajilootni kenniinsa tajaajila ummataa irratti xiyyeeffatan kompiitaraan kan deeggaraman akka ta’aniifi sadarkaa sadarkadhaan kallattiidhaan fayyadamtootaaf haala tajaajila kennuu itti danda’an mijaa’uu isaanii ni mirkaneessa akkasumas ergama fi mul’ata galmaan gahuuf hojjeta.
Copyright @2024 by Oromia Science and Technology Authority| www.osta.gov.et