Agarsiisni Tekinoloojii fi Kalaqa Kaaffee Saayinsii giddu gala Kaaffee Saayinsii Adaamaatti baname.

  • 14 Sep 2022
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Sagantaan agarsiisa kalaqalee Kunis qindoomina Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Tekinoloojii Oromiyaa(ATSTO), Ministeera Innoveshinii fi Tekinoloojii Federaalaa(MinT) fi United Nations Development(UNDP) waliin ta'uun kan qophaa'ee dha.

Agarsiisa kalaqalee kana irratti kan dhi'aatan kalaqoota garaagara biyya keenya sadarkaa biyyoota guddataniiti hiriirsuu danda'uu fi hawwaasa Saayinsii fi Tekinoloojii dhaan qaroome horachuurra darbee dinagdee biyyaa kan guddisuu dha.

Obbo Mokkonnon Bayyanaa Daayirekteera Ol'aanaa ATSTO jedhanitti kalaqni carraa hojii uumuu irra darbee dinagdee biyya guddisuu keessatti iddoo guddaa waan qabuuf Kalaqa jajjabeessuu fi deggaruun kan yeroon itti kennamu miti jedhaniiruu. Ministeera Deetaa D/r Baayisaa Badhaadhaa (MinT) gama isaanitiin kalaqalee Kun dinagdee biyyaa karaa fayyaa fi qonnaa keessatti ga'ee guddaa waan qabuuf kaampanii beekamoo akka ta'aniif yeroo gabaabaa keessatti deggarsa barbaachisaa taasisuun haalli mijataan dargaggoota kanaaf akka taasifamu ga'ee nurraa barbaadamu hundaa ni taasifna jedhaniiru.

Haaluma kanaan Itti Gaafatamtootaa fi ogeessota Kaaffee Saayinsii irratti hojjetaniif illee Leenjiin eegalamee jira.