Abbaan Taayitaa Saayinsiifi Teknooloojii Oromiyaa Qorannoo Beekumsa Xabboo/Indigenous knowledge Yuunibarsiitii Amboofi Yuunibarsiitii Arsii waliin taasisan
Abbaan Taayitaa Saayinsiifi Teknooloojii Oromiyaa Qorannoo Beekumsa Xabboo/Indigenous knowledge Yuunibarsiitii Amboofi Yuunibarsiitii Arsii waliin horsisa Beelladaa, Omisha Midhaaniifi Biqiloota Qorichummaaf oolan irratti adeemnsisaa ture irratti qooda fudhattoota Biiroolee garaa garaa waliin marii taasiseera. Kaayoon Qorannoo kanaas Beekumsa Xabboo qabnu sassabuu, kuusuufi Teknooloojiin deeggaruun tamsaasuun fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuudha.
Beekumsa Xabboo qabnu hedduun sababoota babaldhachuu amantii, Hanqina lafa qonnaafi babaldhachuu Teknoloojiitiin badaa dhufeeniiru. Kun immoo dhalootni waan ofharkaa qabu balleessee hirkattummaa Teknoloojii harkatti akka kufu taasise. Garuu, Beekumsi Xabboo qe’ee Oromoo keessa jiru kan beekumsi Saayinsiifi Teknoloojii furuu hin dandeenye heddu furaa jira. Fakkeenyaaf biqilootni hedduun dhukkuboota mana yaalaatiin fayyuu hin danda’amne irraa yeroo nama fayyisutu muldhata. Qorichoota kanneeniif beekamtii kennuun akka haawasichi irraa baratuufi itti fayyadamu gochuun barbaachisaa akka ta’e hirmaattootni heeraniiru.
WALTA’IINSI INDUSTIRII FI DHABBILEE BARNOOTAA KALAQA, GUDDINA BEEKUMSAAFI TEEKNOOLOOJII NI JAJJABEESSA