Abbaan Taayitaa Saayinsiifi Tekinoloojii oromiyaa raawwii hojii kurmaana 2ffaa kaafewaan saayinsii Bulchiinsa magaalotaa waliin Magaalaa bishoofftutii gamaaggamaa jira
Barbaachisummaa Waltajichaa ilaalchisuun kan dubbatan I/A/D/ol’aanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Lijaalem Ayyalaa raawwii hojii keessatti ciminootaafi hanqinoota jiraan adda baasuun ciminootaa jiraan itti fufsiisuun hanqinootaa jiraaniif immoo furmaata kaa’uuf kan irrattii waliigalamuudha jedhan.
Gamaaggama raawwii kanaan hanga ammaatti hojiiwwan adeemsa keessatti raawwii gaarii qaban caalmaatti itti fufsiisuun kanneen harcaatii qaban ammo yeroo itti aanu keessatti duguuganii raawwachuun karooraa qabame milkeessuuf murteesaa ta'uun eeramee.
Haaluma kanaan kaaffewaan saayinsii tajajiilaa kennu keessatti dargaggoonni fayyadamuun keessattuu gama mana dubbisa Kitaabolee dijitaalatti/digital Liyibrarii/ dhaabilee barnootaa ol’aanaa magaalaa irra jiraan waliin hariiroo uumuun tajaajila interneetii maamiilaaf keenuun carraa hojii yeroo fi dhaabbii uumuun tajaajila tola oltumaa kenna tajaajila kaaffeen saayinsii kennu irratti kaaffeewwan saayinsii magaala Adaamaa, Jimmaa, Roobee, Shaashamanne gabasaa dhiyeessuun muuxannoo wal-jijjiiruun waltajichi xumurameraa.