Gahee Hojii fi Hojjiwwaan Gurguddoo Daayireektoreetii Ijaarsa Dandeettii Saayinsii fi Teekinoloojii raawatu
Fedhii maamilaa sassaabuu, qindeessuu Ragaalee adda baasuu fi sadarkaadhan kaa’uu
Carraalee leenjii fi Barnoota , hubannoo fi dandeettii saayinsii fi teekinoloojii mijeessuu fi qiqindeessuu,
Qajeelfamoota bulchiinsaa fi hundeeffama wirtuulee saayinsii fi teekinoloojii Qindeessuu
Misoomaa fi kenna tajaajila Wirtulee saayinsii fi teekinoloojii gaggeessuu
Dandeettii itti fayyadama Saayinsii fi Teeknooloojii akka dabalu hojjechuu
Karoora Daayireekteerotichaa kan yeroo dheeraa fi gabaabaa qopheessuu
Yuunivarsiitota, dhaabbilee teekinikaa fi ogummaa, dhaabbilee oomishaa fi kkf faana hariiroo tarsiimo’aa waliin hojjechiisuu dandeessisu diriirsuu, Qindoomina uumameen, deeggarsa meeshaalee, maallqaa, teekinikaa fi deeggarsa barnoota iskoolaarshiippii naannicha keessatti mijeessuu,
Walitti dhufeenya yuunivarsiitii fi industirii (university industry linkage) mijeessuun hordoffii walitti fufiinsaan cimsuu,
Dhaabbilee BLTO, IMX, dhaabbilee oomishaa fi dhaabbilee qorannoo fi qo’annoo walitti fiduun cehumsa teekinoloojii fi hojiilee ijaarsa dandeettii tiif haala mijataa uumuu,
Wiirtulee saayinsii fi teekinoloojii (Kaaffee saayinsii, inkubeeshinii TQO fi Saayinsii fi teekinoloojii Hundeeffaman fi kkf) akka cimaniif deeggarsa maallaqaa, leecaaloo fi ogummaa taasiisuu, qaamolee ilaallatu waliin abbummaan hojjechuu,
Qajeelfamootaa hundeeffamaa fi hojii irra oolmaa bu’uuraalee misoomaa dhaabbilee saayinsii fi teekinoloojii qopheessuu,
Gumiileen saayinsii fi kalaqaa manneen barnootaa keessatti akka hundeeffamaniif qaamota dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuu, Gumiin saayinsii fi kalaqaa akka ciman gochuuf deeggarsa ogummaa,maallaqaa, ogummaa fi leecaaloo akka taasifamu gochuu,
Manneen hojii naannichaa keessatti Hojii irra oolmaa imaammata saayinsii, teekinoloojii fi kalaqaa hordofuun mirkaneessuu
Hojiilee adeemsichaa kan qaama ilaallatu faana qindoominaan hojjechuu,yadama saayinsii fi teekinoloojii dabale
Gabaasa raawwii Daayireekterotichaa yeroo, yeroodhaan qopheessuu fi qaama ilaallatuuf nidhi’eessa,
Caffe Science all
Qajeelfama Raawwii leenjii ST
Copyright @2024 by Oromia Science and Technology Authority| www.osta.gov.et