Damee Tajaajila Saayinsii fi Teekinoloojii
Gahee Hojii Daarektoreetii Bulchiinsaa fi Tamsaasa Beekumsaa
Beekumsa/Odeeffannoo Saayinsii, Teeknolojii fi Kalaqaa walitti qabuu, qindeessuu, xiinxaluu fi tamsaasuu dhaan hawaasni hubannoo fi beekumsa akka argatu gochuu
Siistamni kuusaa Beekumsaa “Knowledge Database” ykn “Digital Library” akka Ijaaramu/Misoomu gochuu
Odeeffannoo /Beekumsa Saayinsii fi Teeknooloojii walitti qabuu fi Qindeessuu Siistama “Digital Library” irratti kuufamee toora interneetiitin fayyadamtoonni akka argatan gochuu
Odeeffannoowwan Saayinsii,Teeknooloojii fi Kalaqaa madda adda addaa irraa walitti qabuu fi xiinxaluun kitaaba/Barruu “ORO-SAAY TEEK” irratti akka maxxanfamu gochuun hawaasa naannoof (Sekatroota Mootummaa,Manneen barnootaa,Kaaffee Saayinsii kkf) raabsuun akka dubbisanii jiruu fi jirrenya isaaniif hubannoo STK akka argatn gochuu.
Odeeffannoowwan Saayinsii,Teeknooloojii fi Kalaqaa madda adda addaa irraa walitti qabuu fi xiinxaluun miidiyyaalee TV fi Raadiyoon akka tamsa’u gochuu
Odeeffannoowwan Saayinsii,Teeknooloojii fi Kalaqaa madda adda addaa irraa walitti qabuu fi xiinxaluun fuula ‘facebook” fi chaanaalii “Youtube” irratti maxxansuu/Post/ gochuu
Saayinsii,Teeknooloojii fi Kalaqaa irratti muuxannoo fi Beekumsa waliif hiruu /Knowledge Sharing/ akka argamuuf qaamolee adda addaa (Yuunivarsitoota,Giddu Galawwan Qorannoo fi dhaabbilee Federaalaa ) wajjin qindoomina/partnership/uumuun muuxannoo fi beekumsa argame faayidaa naannoof akka oolu ni hojjeta
Yuunivarsitoota fi Giddu Galawwan Qorannoo wajjin qindoomina/partnership/ uumuun beekumsa qe’ee irratti qorannoo gaggeessuun bu’aa argame faayidaa hawaasaaf akka oolu ni hojjeta
Copyright @2024 by Oromia Science and Technology Authority| www.osta.gov.et