Galmee Bu’aa Qorannoo Sektaraaleetti Dabarsuu

  • 20 Oct 2025
  • Posted by backwebadmin
  • 0 Comments

Galmee Bu’aa Qorannoo Sektaraaleetti Dabarsuu

Research output document hand over for stakeholders

Qindoomina Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Tekinoloojii Oromiyaatiin qorannoon itti fayyadama Fedhii Hanqina Tekinoloojii Univarsiitiiwwan waliin yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture xumuramuun guyyaa har’aa bakka Kabajamoon pireesadaantii Mana Murtii Oromiyaa Obbo Gaazalii Abbaasimal, Dokiteerotni garaagaraa, Hoggantootni ol’aanooniniifi Sektaraalee dhimmi qorannoon ilaallatu gara seektaraalee qorannoon irratti adeemsifamaa tureetti darbeera.

Seektaraaleen Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qorannoon Fedhii Hanqina Teknooloojii(Technology need gap analysis) irratti qoratamaa tures Naannoo Odeeffannoo fi Qunnamtii Tekinoloojii (ICT), Fayyaa(Health), Qonnaa (Agriculture), Barnootaa (Education), Daldalaa (Trade), Haqaa (Justice), Eegumsa Naannoo (Environment), Imala (Transport) irratti Qorattoota Univarsiitii waliin qoratamaa ture Magaalaa Bishooftuu Hoteela Seifert keessatti dhiyeessiin karaa Qorattootaa erga dhiyaateen booda Dameewwan hojii qooda fudhattoota ta’an waliin marii bal’aa taasisaniiru.

Qorannoon kun hojiirra akka ooluuf dameewwan hojii dhimmi kun ilallatu irratti hojjechuu akka qaban qaawwa jiru duuccuuf kutannoon ni hojjenna qorannoon univarsiitiawan waliin sectaroota dhimmi ilaallatu waliin walitti hidhamiinsa cimaan hojjechuu akka qaban humna raawwichiisummaa qorattoota waliin hojjechuu akka qaban himaa guyyichi guyyaa Qorattootni univarsiitiiwwaniifi sektaraleen wal baruun waliin akka hojjetan ta'uusaa fi ga’ee hojii nuuf kennameen cimnee waliin tekinoloojiirratti ni hojjenna kan jedhan Dr. Lijaalem Ayyalaa It/D/Ol'aanaa Abbaa Taayitaa dubbataniiru.

Haaluma wal-fakkaatuun Qorannoo Hanqina Teknoloojii fi Tarsiimoon Hojii Guddiina Teknoloojii Dameewwan Hedduu Naannoo Oromiyaa keessatti Qorannoo kanaan rakkoolee itti fayyadama Tekinoloojii Dameewwan keessaa adda ba’an furamuun carraa gara fuula duraa ijaarama bu’uuraalee misooma tekinoloojiitiin guddina dinagdee biyya keenyaa, jireenya hawaasaa fi qulqullina Tajaajila hawaasaa saffisaan ni fooyyessaa, Sochii fi wal qunnamtii salphisuuf murteessaadha kanaaf ga’ee nurra eegamu ni baana jechuun hirmaattotni waltajichaa himaniiru.