Dandeettii TQO guddifachuu qabnu

  • 08 Nov 2023
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Teeknooloojiin dhaabbileen sirna hojii isaanii ammayyeessuun gahumsa akka argatan kan taasise ta’us, hedduun isaanii ammallee teeknooloojii guutummaatti hojiirra oolchuu hin dandeenye. Oomishaalee teeknooloojii jalqabaa kanneen akka bilbilaa, raadiyoo fi televijiinii teeknooloojii qunnamtii keessatti hammataman sirnaan fayyadamuun akka dandeettii Teekinoloojii Qunnamtii Odeeffannootti kan ilaalamu yoo ta’u, dandeettiiwwan ammayyaa yoo itti hin dabalamne garuu ogummaa Teekinoloojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO) guutuu jedhamuu hin danda’u. Yeroo ammaa dameen hundi ogummaa Teekinoloojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO) guutuu kan barbaadu yoo ta’u, adeemsichi karaa teeknikaa fi teeknikaa ala ta’een raawwatamuu danda’a.

Miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun gahee olaanaa qabaatullee, sirnaan itti fayyadamuu (Social Media Management) dhabuun Itti fayyadama teknooloojii fi sirna TQO gumaacha diinagdee fi odeeffannoo waytawaa daddarsuu keessatti qabu akka gadi bu’u taasisa. miidiyaa hawaasaa haala bu’aa irraa argachuu dandeenyuun yoo hin fayyadamne, dandeettiin odeeffannoo waliif qooduu, maamiltoota waliin walqunnamuu fi hojiiwwan barbaachisoo biroo raawwachuu keessatti gaheen miidiyaa hawaaasaa qabaatu akka hin gonfannee fi dhaabbileen tajaajila si’ataa akka hin kennine taasisa.

Bulchiinsa Daataa fi itti fayyadamaa hojiirra oolmaa aplikeeshinii bulchiinsa daataa kan akka Excel ykn Spreadsheet haala jiru irratti hundaa’uun, barattoota irraa kaasee hanga hojjettoota dhaabbilee keessatti hojjetanitti, ogummaan kun baay’ee ammayyaa fi bu’uuraa dha, akkasumas oomishtummaa hojii fiduun baay’ee barbaachisaa dha. Daataa xiinxaluu fi akka barbaachisummaa isaatti qindeessuun hojii keenya fooyyessuu fi dadhabina adda baasuuf baay’ee nu gargaaruu danda’a.

Fayyadama kiiboordii fi saffisa barreessuu Filannoo kiiboordii hunda hubachuu fi filannoowwan salphaa daftee fayyadamuu dandeessu fayyadamuu danda’uun ogummaa TQO bu’uuraa kan biraati. Kana gochuudhaan saffisi barreessuu keenyaa ogummaa kanaan walqabatu kan biraa yoo ta’u, hojii keenya saffisaan xumuruu fi bu’aa fooyya’aa akka argannu nu gargaarudha.

Dandeettiiwwan TQO qorannoo toora interneetii fi itti fayyadama iimeelii, waa’ee hojii hojjennu odeeffannoo dabalataa argachuu, akkasumas meeshaalee barbaacha adda addaa fayyadamuun qorannoo salphaa karaa interneetii gaggeessuu kan dabalatuudha. Kana malees akkaawuntii qunnamtii dhuunfaa kan akka email, Google fi LinkedIn uumuun, adeemsa ergaa bu’uuraa jalqabuu fi meeshaa kanaan hojii hojjechuuf yaaluun ogummaa TQO kan biraati.

Jijjiirama jiru waliin deemuun Ogummaawwan teeknooloojii fi TQO fayyadamnu hunda irratti wantootni haaraan dabalamuun, of barsiisuu fi yeroo hunda qophaa’uudhaan yeroo waliin deemuun bu’uuraa dha.