Pirojectiin deggarsa sheedii harka-qalleeyyii kutaa 6(jaha)qabu eebbifame
Guyyaa 01/11/2014
Pirojectiin deggarsa sheedii harka-qalleeyyii kutaa 6(jaha)qabu eebbifame.
Guyyaa har'aa pirojectiin deggarsa sheedii harka-qalleeyyii (OVC & PLHIV) dhiiga isaanii keessa jiru Bulchiinsa Magaalaa Amboo keessatti baajata mootummaa persantaa lamaa deggarsa Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Tekinoloojii Oromiyaatiin ijaaramuun bakka Daayirektarootni ol'aanoon Abbaa Taayitichaa fi Waajjirri Faayyaa, waajjira dhimma daayimmani fi dargaggoo Bulchiinsa Magaalaa Amboo argamanitti walharkaa fuudhinsa taasisuun sirni eebbaa sheedii raawwatameera.
Maatiin harka-qalleeyyii Kun namoota ATSTO tiin deggaramaa turan yommuu ta'u harka namaa eeguurra of danda'anii hojii mataa isaanii uummachuun hojjetanii of jijjiiruu akka danda'aniif mana qofa osoo hin taane meeshaalee ittiin hojjetan bituufin deggarsi taasifameefi Hoggantootni Abbaa Taayitaa fi Bulchiinsi Magaalichaa fi Jaarsoliin Magaalichaa ashaaraa magariisaa dhaabuun eebbaan xumurameera.